Waamicha Yaadannoo Waggaa 500ffaa Haaromsa Gadaa

Gurmuun Qindeessa Haaromsa Gadaa Addunyaa (Gadaa Renaissance International Coordinating Committee) waggaa 500ffaa Haaromsa Sirna Gadaa (1522-2022) guyyaa Sambata Duraa, Sadaasa 26 bara 2022 waan kabajamuuf akka waliin ulfeessinuuf kabajaan isin afeerra.

Dhaabbatni Haaromsa Gadaa (Gadaa Renaissance) magaalaa Washington,DC biyya USA keessatti akka gurmuu hawaasaatti galmaa’ee jira.

Sirni Gadaa sabni Oromoo baroota kumaatamaan lakkaawamaniif ittiin bulaa kan ture yemmuu ta'u qaama mootommoota addunyaa gamtoomanii kan ta’e, UNESCO jedhamuun akka hambaa seenaa dhalootaatti galma’eera. Ogeeyyota gameeyyii Sirna Gadaa qoratan keessaa namni Professor Asmarom Legesse jedhaman "Gadaan Sirna gadi fagoo guddina seenaa namaa keessatti mul'atan keessaa tokko" yemmuu jedhan ogeessi Professor Donald Levin jedhaman ammoo "Gadaan mul'ata sirna hawaasaa cimaa sammuun dhala namaa horate" jedhanii dinqisifataniiru. Kana waan ta'eef Sirni Gadaa yeroo hunda yaadatamuu fi addunyaa irratti beekamtii guddaa argachuu qaba.

Yeroo ammaa kana Oromiyaan rakkoo addaa-addaa kan akka beelaa, gaga'ama Covid-19 umee fi balaa waraanaa jala jiraachuun isaa beekamaa yoo ta'e iyyuu Koreen kun waggaan 500ffaa Haaromsa Gadaa, gaafa Sadaasa 26, 2022 sadarkaa idil-addunyaatti akka yaadatamuu fi ayyaaneffamu haala mijeessaa jira.

Yaadannoon sadarkaa Addunyaatti guyyaa tokkoof karoorfame tkun sagantaa barnoota Sirna Gadaa irratti dhihaatanii fi qophii addaa-addaa duudhaa Gadaa calaqqisan of keessatti hammata. Dabalataan, sagantaan kabajaa wagga 500ffaa kun, ji’a 6 booda itti-fufuudhaan Adduunyaa guutuu keesatti akka yaadatamuu karoorfamee jira. Akkasumas, waggaa keessatti guyyaan tokko addatti beekamee, “guyyaa Gadaa” jedhamuun Oromiyaa keessatti waggaa waggaan akka kabajamuu caarraaqna.

Namootni sagantaa yaadannoo fi kabajaa waggaa 500ffaa Haaromsa Gadaa kanarratti argaman, keessattuu, dargaggootni aadaa fi seenaa Oromoo caalaatti hubachuudhaaf carraa guddaa argatu jennee abdanna.Yaadannoon waggaa 500ffaa kanarratti, sirni abbootii fi haawwotii keenyaarraa dhaalle kun, tokkummaa saba keenya har'aa fi dhaloota itti-anuuf bu’aan inni qabu maal akka ta’e ni akeekama.

Gurmuun Qindeessa Haaromsa Gadaa Adduunyaa, uummatni Oromoo Addunyaa guutuu irratti argamu, waggaa 500ffaa Haaromsa Gadaa kana, hafuura tokkummaa fi Oromummaan guutamee ofiin boonuudhaan, harka wal-qabatee,ayyaanaa kanarratti akka hirmaatu kabajaa guddaan gaafanna. Sagantaa guyyaa ayyaana kanaa geggeeffamu keessatti, hiree Sirni Gadaa jireenya hawaasaa, aadaa, ilaalchaa fi siyaasa saba keenyaa keessatti qabu calaqqisuun bu'aa qabaata jennee amanna. Sirni Gadaa jireenya keenya Jaarraa 21ffaa keessatti akkamiin akka gumaachuu danda'u ilaaluun gaarii dha.

Bakka-bu’oonni mootummoota Addunyaa, akkasumas jaarmayoonni miti-mootummaa fi qaamoleen mootummaa ayyaana wagggaa 500ffaa Haaromsa Sirna Gadaa milkeessuuf deggeersa fi gargaarsa feesisu akka nuu gootan, Koreen qindessa Haaromsa Gadaa kabajaan isin gaafatna. Milkaahinsa ayyaana kanaatiif gumaacha isin gootan hunda ni dinqiisifanna.

Gurmuu Qindessa Haaromsa Gadaa Adduunya

Washington DC, USA

24 Onkoloolessa 2022